Miseensii konyaa atlantaa fi hawaasnii oromoo naanno atlantatti argamuu halkan kalessaa gaafa-4-26-2008 guyyaa goototaa oromoo qabsoo bilisummaaf wareegamanii yaadachuudhaan bifaa ho'aan kabajeera.
Ayyaanni kun ebba manguddootiin ergaa banameen boodaa guyyaa kanaarratti miseensa Gumii sabaa fi Haasayaa ABO kan ta'an Dr Bayaan Asoobaa haalaa qabsoo oromoo fi adeemsaa siyaasaa adda bilisummaa oromoo bal'innaan ergaa ibsaniin boodaa , Dr Asaffaa Jaallataa fi Dr Mohaammad Hasan gootaa oromoo ilaalchisee hubaachisaa fii baruumsaa bal'aa kennudhaan mariin bal'aan hirmmatoota waliin godhamee haalaa bareedaa fi gammachiisaa ta'een xumuramee jira. kanumaan wal qabatee walaloon qabsoo oromoo dhaadhessuu fi hamilee oromoo jajjabeesuu dargaggoo magaalaa Atlantaa jiraniin ergaa dhiyaateen boodaa uummanniif miseensii ABO konyaa Atlantaa batalumatti horii sinqii WBO tiif ooluu dolaarii kumaa sagalii [9000] oli walitti sasaabudhaan qabsoo kanaaf galii akka ta'uu godhameera.
Halumaa kanaan wal-qabatee weelisaa bekkamaan J/ Mohammad Shekaa sirnaa kana irratti argamudhaan ummatta kennaa bashanansiisaa bulee jiraa.
Gadaan Gadaa Bilisummaatii
Oromiyaa dhigaa ilmaan oromootiin bilsoomtii
***<*>***
Gootoowwan Oromoo!!!
Gootoowwan Oromoo kan dhiiraa durtii
Ulfaadhaa ammallee barumaan barattii
Xurreen bilisummaa dhiigaan taraartanii
Waa tolee bareedee jalqabni keessanii
Hanga'ee mandihee samiin duumeessaa'ee
Bilisummaa roobuuf gabrummaa ari'ee
Qabeenya Oromoo jeenootii hujii boonsaa
Hin irraanfatamtan sammuu teenya keessaa
Ulfaadhaa gofootoowwan kabjamaa ammallee
Gootoowwan Oromoo faaruu isiniin malee
Wareegama qaalii kan sabaaf kafaltan
Seenaa saba boonsuu galmeessuun dabartan
Dhaloota haarayaaf fakkii guddaa taatan
Onnee sabboonummaa keessatti magarsitan
Diinaa jilbiifachuu diddanii dabartan
Kani wal hin ganin du'a habbuuqattan
Janootii Oromoo goota gootoowwanii
Oromoon ni boonnaan hujii teesaniinii
Maqaann keessan hin duunee Gootootii Oromiyaa
Isin faana jirrraa dhalootni haarayaa
Itti fuufna qabsoon gargar hin dhaabbattuu
Hanga Oromiyaan guututti bilsoomtuu
Gootoowwan Oromoo kan lubbuun jirtanii
Biyya bilsoomsuuf hiriira galtanii
Bosona Oromiyaa mana godhattanii
Kan bilisummaadhaaf qabsootti jirtanii
Diigaa dahoo diinaa balaa itti roobsaa
Awwaala isaa godhaa bakka dahoo isaa
Injifannoo boonsaa galmeessaa jirtanii
Isin maddii jirraa nu sabni keessanii
Ishoo! jajjabaadhaa ni injifattanii
Abdii guutuu qabnaa GOOBAANI galtanii
IUOf
GGBti
Saartuu Oromoo